Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan wayyaanee afaan qawween ummata bulchuu dhaabuu akka qabu paartileen mormitootaa Oromoo gaafatan.
 

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 30,2009) Warraaqsi Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo fi Kongirensiin Ummata Oromoo ibsa gamtaan gidduu kana baasaniin, mootummaan wayyaanee afaan qawween humnaan ummata ukkaamsee bituu dhaabuu akka qabu gaafatan.

Filmaata bara 2005 geggeeffameen mootummaan wayyaanee mo’amuu kan yaadachiisan paartileen Oromoo kunniin, mootummichi haala yeroo darbe isa mudate ijaa ba’uuf, filmaata bara 2010 mo’achuuf humnaa olitti tarkaanfii ukkaamsaa fudhachaa jiraachuu isaa saaxilan.

Warraaqsi Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo fi Kongirensiin Ummata Oromoo ibsa isaanii keessatti, mootummaan wayyaanee miseensotni paarlamaa mormitoota ta’an ummata waliin wal arganii akka hin mari’atne dhorkuu addeessan. Sirnichi hojjettoota hojii irraa dhorkaa fi buusii akka buusaniif dirqaa akka jirus saaxilaniiru.

Dhuma irratti mootummaan wayyaanee dhiittaa mirga dhala namaa geggeessaa jiru akka dhaabuu fi qondaalota mootummaa hojii farrummaa fi seerawaa hin taane irratti bobba’anii jiran irratti tarkaanfii akka fudhatu gaafataniiru.

Godina Dhiha Shawaatti dhiittaan mirga dhala namaa hammaataan geggeeffamaa akka jiru maddeen gabaasan.

Burqaaleen oduu Finfinnee Bitootessa 27,2009 akka gabaasanitti, hidhattootni mootummaa wayyaanee Godina Shawaa Lixaa Ona Miidaaqanyii keessatti ummata mirga sarbuun miidhaa guddaa irraan ga’aa jiran.

Akka gabaasa maddeen kanaatti hidhattootnii fi poolisootni sirna wayyaanee manneen ummataa seeraan ala cabsanii seenuun sakattaa geggeessaa fi ummata hiraarsuu irratti argamu. Sababiin hidhattootni wayyaanee ummata gidirsaa jiraniif mootummaa keenya deggeruu diddanii mormitoota deggertu jechuun akka ta’e gabaafameera.

Kana malees, poolisootni wayyaanee hidhamtoota mana hidhaatti argaman mirga isaanii dhiitanii akka hiraarsanii fi tortue godhan maaddeen kun dabalanii eeraniiru.

Jiraattotni Ona Miidaaqanyi hedduun isaanii miseensa dhaaba jalee wayyaanee OPDO akka ta’anii fi maallaqaan deggeran dirqisiifamaa jiru jechuun burqaaleen kun ifa godhaniiru.

Bulchitootni OPDO Onicha bulchaa jiran ummata Onichaaf karaa makiinaa, bishaan dhugaatii fi ibsaa galchuufii hanqachuun rakkoo hawaasummaa cimaaf akka saaxilanis ibsameera.

MOA



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net